Get Mystery Box with random crypto!

#SIIFAN_KENNA! Abaaboo bareedaa qabatanii atoobusii magaala | Madda Beekkumsa(MB)

#SIIFAN_KENNA!

Abaaboo bareedaa qabatanii atoobusii magaalaa keessa taa'anii jiru-jaarsi. Cinaa isaanii shamarree tokkotu taa'ee ture. Iji ishee abaaboo jaarsi baatanii jiran sana irraa buqqa'uu dide. Wal irraa otoo hin kutiin ilaalti. Ilaaltee ilaaltee quufuu dadhabde. Jaarsi akka isheen abaaboo harka isaanii irra jiru sana baay'ee jaallatte argan. Itti ulfaatus isheef kennuuf murteessan. Hiixatanii itti kennaa, "Intala koo! Abaaboo kana baay'ee waan jaallatte fakkaata. Ni bareeda mitii? Naman baay'ee jaalladhuuf kennuufan baadhee jira. Haadha manaa koof. Amma garuu siifan kenna. Akkan siif kenne yoon isheetti hime isheenis hin jibbitu. Sababni isaas nama jaalalaati!" jedhe. Atoobusiin deemsa isaa ittuma fufa. Takka deemee bakka ta'e tokko ga'ee dhaabate. Jaarsi suuta jedhanii irraa bu'an. Shamarreen abaaboo irraa fudhattes ijaan isaan geggeessite. Otoo geggeessaa jirtuu waan laphee nama cabsu tokko argite. Jaarsi akkuma konkolaataa irraa bu'an mooraa awwaala namootaa xiqqoo magaalicha keessa turetti seenan. Edaa haadha manaa isaanii baay'ee jaallatan kan waggoota dura du'aan of biraa dhabaniif ture abaaboon isaan baatan. Awwaala ishee irra kaa'uuf turan!" Humni humna caalu jaalala!
#Via_Eebbisaa_Baayismo'ichaa

#Ergaan_Koo_Galgala_Kanaa!

Jaalalli warra gatii isaa beekaniif jireenya. Boqonnaa sammuu lola addunyaa kanaa keessa dhokataniidha. Dhugumaan jaalalli humna mo'ichaa ittiin jibbi, hammeenyi, dhabuun, Mudaan, hanqinnii fi haalonni rakkisoon hundumtuu mo'amaniidha. Jaalalli dhugaan fudhachuu miti. Jaalalli dhugaan faayidaas hin barbaadu. Jaalala jechuun kan jaallatan kennuudha. Kennaa jaalalaa irra kan darbe immoo ofii ofii kennuudha. Jaalalli inni kun isa jaallatamaan awwaalamee isa faana awwalamu osoo hin taane isa awwaalchaan olitti hafee jiraatuudha. Kan yeroon isaa geesse qulqulluu isaa dhugaa du'ee kan jiru immoo madda burqaa isaa irraa deemuu kan hin dandeenye jaalala. Jaalalli ishee nuti haalaan jijjiirruu fi akka uffanna hodhisiifataniitti ofitti safarru miti. Dhugumaan humni humna jaalalaan gitu tokko illee waan hin jirreef, gooti dhugaan isa jaalala dhugaa wajjin jiraatuudha. Maal ta'a laata osoo jechi jaalalaa namaaf hin galin osoo hiikni jaalalaa namaa galee. Silaa addunyaan kun beela daabboo caalaa beela jaalalaatiin hin miidhamtu turte. "Ergan galee naaf galee!" jedhe namichi mee nagaan bulaa!

https://t.me/madda_beekkumsa