Get Mystery Box with random crypto!

MUL’ATA KEE DHUGOOMSUUF GATII BAASUU QABDA! ________ Guyyaa to | Madda Beekkumsa(MB)

MUL’ATA KEE DHUGOOMSUUF
GATII BAASUU QABDA
!
________
Guyyaa tokko dargag
eessi tokko namicha beekamaa Giriikii Sooqiraaxas jedhamu bira dhaqe. Akkuma beekamu Sooqiraaxas seenaa Giriikii keessatti nama beekamaafi hojii isaan fiixaan ba’insa qabudha. Dargaggeessichis akkamitti akka sooqiraaxas nama fiixaan ba’iinsa guddaa argateefi beekamuu danda’e gaafate.
Sooqiraaxasis dargaggeessichaan dhoksaa fiixaan ba’iinsa koo sitti himuu nan danda’a jedheen. Sana booda dargaggeessicha fuudhee naannoo laga ta’eetti isaa geesse. Lagicha bira yeroo ga’anitti amma dhoksaa fiixaan ba’iinsa koon si agarsiisa waan ta’eef, sirriitti na caqasi ittin jedhe. Dargaggeesichis tole jedheen.
Sooqiraaxas mataa dargaggeessichaa qabee bishaan keessa seensise. Humnaan bishaanichuma keessatti osoodhuma dargaggeesichi keessaa ba’uuf wiixxifatuu daqiiqaa muraasa bishaanuma sana keessatti qabee dhaabbate.
Dhuma irratti erga dargaggeessicha gad dhiisee gaaffii tokko isa gaafate. Amma yeroo morma kee oliin bishaan keessa daqiiqaa ta’eef turte; maal hawwaa turtee jedheen. Dargaggeessichis hafuuraa guddaa baafachaa, humnaa olitti wanti ani hawwaa ture yoomuman ba’ee qilleensa argadha jedheen hawwaa ture jedhee deebiseef. Sana Sooqiraaxasis dhoksaan fiixaan ba’iinsa koos kanuma ittiin jedhe. Dargaggeessichis maal jechuudha jedhee gaafate. Akkuma yeroo bishaan keessa turte amma hawwii guddaan qilleensa argachuuf hawwaa turte, fiixaan ba’insas yeroo hundumaa akkasitti yoo hawwite bira ga’uuf wiixxifatte jedheen.
Gatiin nuti mul’ata keenyaaf baasnu galma ga’iinsa mul’ata keenyaaf murteessaadha.

@madda_beekkumsa