Get Mystery Box with random crypto!

Mucaan baay'ee jaalata garuu isheen hubachuufii hin dandeenye | ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪



Mucaan baay'ee jaalata garuu isheen hubachuufii hin dandeenye sababni isaas hin jirree odeessuu fi fakkeessu hin danda'u. Akkasumas  jaalala isheef qabu jechootan caalaa gochaan ibsuufii filata. Sababa sanaaf guyyaa tokko kennaa  qopheesseefii ofitti waame. Isheen garuu isas kennaa isaas waan nuffiteef. Har'ii guyyaa dhumaati, kana caalaa hiyyeessa waliin turuu hin danda'u jechuun achumatti isa gattee deemte, onneen isaa garmalee cabee, kennaa sana qabatee achumatti mugee hafe.
sana booda gargar bahaani hafan jireenyi isaanii itti fufe.
Isheen waggaa muraasa booda hojjataa dhaabbata wayii keessa hojjatu heerumtee jireenya eegalte. Guyyaa tokko dhaabbata abbaan mana ishee keessa hojjatu biiroo isaa  deemtee jaalallee ishee isa durii argite, dureessa akkamii akka heerumte itti himuuf yeroo jettu, abbaan manaa ishee dursee akkas jedheen, '' bareedduu too wal baraa isa jechuun abba dhaabata kanaa, itti gaafatamaa kiya. Kana malee dhaabbata 4 qaba. Nama baay'ee garraamessa ta'eedha jedheen. Kana yoo dhageessu Isheen wanta dubbattu dhabde, afaan ishee wal hidhe.


ilaa obboloota koo akkuma dhaadhaan dhiibbameetan mataarra bahe jette isinis dhiibbamuu keessan hin jibbinaa.
Uuman keessan jireenya keessan keessaa waa tokko yoo baasu isin fayyaduuf malee, tasumallee isin miidhuf miti. Wanta jireenya keessan keessatti uummame maraaf uumaa keessan galateeffachuu amaleeffadha.

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa