Get Mystery Box with random crypto!

WBO MEDIA

Logo saluran telegram wbomedia — WBO MEDIA W
Logo saluran telegram wbomedia — WBO MEDIA
Alamat saluran: @wbomedia
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 3.77K
Deskripsi dari saluran

Join

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru

2023-05-02 19:28:40
Odeessa Araara WBO fi PP jiddutti godhamaa jiru asiin hordofaa.
https://www.facebook.com/100071117835489/posts/281318337582092/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
998 views16:28
Buka / Bagaimana
2023-05-02 19:28:11 Mariin WBO fi PP Waliin gaggeeffamaa jiru akkuma itti fufetti jira. Marii kun yeroo gabaabaa keessatti raawwachuu baatus fuldurri gaariidha. Hawwiin ummata keenya hundaa walii galuu akka ta'e hubanne jirra.

WBOn Nagaa buusuuf yeruma hunda Karri isaa banaadha. Nagaan kan waaqati waraanni kan seexanati. Hanga Mariin kun dhumatu obsaan eeguun barbaachisaadha.
https://www.facebook.com/100071117835489/posts/281318337582092/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
891 views16:28
Buka / Bagaimana
2023-04-23 23:47:51
1.7K views20:47
Buka / Bagaimana
2023-04-23 23:47:41 Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad mariin nagaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘ABO Shanee’ jedhee waamu waliin mariin nagaa iftaan Taanzaaniyaatti gaggeeffama jedhan.
Abiy (PhD) kana kan dubbatan sagantaa ‘Waraanni Yaa Dhaabbatu, Nageenya Yaa Waaressinu’ jedhuun qaamolee nagaa buusuu keessatti gumaachan galateeffachuufi beekamtii kennuuf Dilbata Ebla 23, 2023 qophaa’erratti ture.
Dr Abiy itti dabaluun, ''Nageenyii akkasumaan kan dhufu miti, dhama'uu fi gootummaadhaan dhufa,'' jedhaniiru.
Toran dhufaa keessa taateewwan ijoon lama duraafi duubaan kan raawwataman ta'u kan eeran MM Abiy, tokkooffaan pirezidaantoonni naannoolee Maqaleetti imaluun nageenya eegalamee qaamaan mirkaneessuufi tumsa barbaachisu taasisuudha jedhan.
Taatee lammeessoon ammoo, mariin ABO-Shanee waliin taasifamu iftaan Kibxata dhufaa Taanzaaniyaatti eegalama jedhaniiru. ''Kanas ummanni Itoophiyaa cimsee barbaada'' jedhan.
Kanneen marii nagaa kanarratti hirmaatanis guyyaa har'aa [sagantaa ‘Waraanni Yaa Dhaabbatu, Nageenya Yaa Waaressinu’ jedhuun] kana yaadachaa milkaa'ina nageenyaatiif akka hojjatanan gaafaniiru.
“Waggaa lama wal waraanuurra, waggaa 20 mariyachuu wayya,” jechuun karaa nagaa rakkoo furachuuf carraa kennuun barbaachisaa akka ta’e cimsanii dubbatan MM Abiy.
Sagantaa qaamolee waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffame dhaabsiuuf gumaachan galateeffachuuf qophaa’e kana irratti Dursaan Komishinii Gamtaa Afrikaa (AU) Muusaa Faakii, karaa Itoophiyaan nagaa buusuufi keessa darbiteefi muuxannoo biyyattiin qabdu rakkoolee Afrikaa furuuf fakkeenya babal’achuu qabudha jechuun murannoo MM Abiy dinqisiifataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ebla 19, 2023 Lixa Oromiyaa, magaalaa Naqqamteetti imalanii uummata godinaalee Wallaggaa waliin wayita mariyatanitti gaaffiiwwan nageenyaafi misoomaa uummanni dhiyeessu dhuguumsuudhaaf nagana barbaachisaadha jedhan.
"Tokkoffaa, namoonni yaanni keessan ykn yaanni jaraa nurraa adda ta'e nagaan galuu danda'u.
Lammaffaa, nagaan galanii tarsiimoosaanii, kaayyoosaanii uummatasaanitti ibsachuu danda'u," jedhan MM Abiy.
Koreen nageenyaa sadarkaa pirezidantii itti-aanaa Paartii Badhaadhinaatiin durfamu hundeeffamuufi hojiin hojjetamaa jiraachuus eeruun, waan jiru mootummaan isaanii akka ifa godhu himanii ture MM Abiy.
MM Abiy haasaa taasisan kanaan qaamooleen biyya ollaa kan taatee Sudaan keessatti wal waraanaa jiran nagaaf dursa akka kennan waamicha taasisaniiru.
Itti dabaluunis Sudaanitti sagantaan nagaa kan fakkaatu akka qophaa'u abdiin qaba kan jedhan MM Abiy, ''hir'ina keenya irraa qamadii kuntaala kuma shantama ummata obbolaa kan ta'an Sudaaniif erguuf jirra'' jedhaniiru.
1.5K views20:47
Buka / Bagaimana
2023-04-22 14:50:08 https://vm.tiktok.com/ZMYvtKaKR/
1.4K views11:50
Buka / Bagaimana
2023-04-22 14:49:58 Biyya Eritrea tti lafeen oromoo cabeera jaal Marroo.
https://vm.tiktok.com/ZMYvt4AWA/
1.3K views11:49
Buka / Bagaimana
2023-04-22 14:48:07 Jaal Marroon maal jedhe haasaa isaa dhaggeeffadhaa.https://vm.tiktok.com/ZMYvtsTpH/
1.2K views11:48
Buka / Bagaimana
2023-03-18 23:23:54
Follow Me https://www.facebook.com/WalabumaMediaNetwork
2.2K views20:23
Buka / Bagaimana
2023-03-18 23:23:43 𝐆𝐮𝐦𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐀𝐚𝐝𝐝𝐞 𝐃𝐢𝐫𝐫𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐈𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐧 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚.

Ijoo Dubbii ABO – Bitootessa 18,2023

Qabsooftuu jabduu fi murattuu Aadde Dirribee Irgaa du’aan boqotuu isaanii wayta dhageenye gaddi nutti dhaga’ame guddaa dha.

Aadde Dirribeen hanga lubbuun isaanii darbitutti qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti murannoo fi gootummaa jabaadhaan qooda isaanii waan isaaniif danda’ame gumaachaa turan. Akkuma dubartootni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hanga wareegama lubbuutti hiriiranii aarsaa olaanaa kafalaa turan, isaanis jabinaa fi cichoominaan dhaabbatanii aarsaa garagaraa baasuudhaan dubartoota Oromoof fakkii ta’anii darbaniiru.

Jireenya isaanii guutuu cunqursaa fi roorroo saba Oromoo irra gahutti xumura gochuuf fuula irra turaniin ifaajjaniiru. Murannoo, cichoominaa fi sab-boonummaa qabanitti diinni aaruudhaan hidhee hidhaa keessatti gidirsus ejjennaa isaanii irraa duuba isaan hin deebisne.

Qabsooftuu sab-boontuu Aadde Dirribee Irgaa ofii isaaniif Mirgaa fi Bilisummaa Oromoof falmuu qofa osoo hin taane, dhala isaaniis qabsoo kanaaf aarsaa godhaniiru. Seenaan qabsoo bilisummaa Oromoos bara baraan isaan yaadata.

Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu Aadde Dirribee Irgaatti gadda itti dhaga’ame irra deebiin ibsaa, maatii fi firoota isaaniif jajjabina hawwa.

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 18,2023
Finfinnee

Use Follow Me https://www.facebook.com/WalabumaMediaNetwork
2.0K viewsedited  20:23
Buka / Bagaimana
2023-03-16 19:59:50 #Oduu_Dinqisiisoo

Qaamni saala dhiira addunyatti haala adda tahen dabale jedhame.

#Vedio toora kanaa gadii argattu #link kana seena
https://vm.tiktok.com/ZMYHkfXPN/
1.8K viewsedited  16:59
Buka / Bagaimana