Get Mystery Box with random crypto!

Gaagurri damma hin qabne Kan gagaafi kan jiisaati Gatiin ilma | Madda Beekkumsa(MB)

Gaagurri damma hin qabne
Kan gagaafi kan jiisaati
Gatiin ilma namaa immoo
Akkuma hojiisaati
~
Madaalliin hojii keetii
Gaariis haa ta'u hamaa
Qodaa namaaf safarteen
Bulee siif safarama
~
Wal qixxee waamamaaree?
Kan gudunfeefi kan hiike
Dhiyaate lafarratti
fagaate Waaqarratti
Ni argatta gatii kee
~
Waan hin kaa'iin fuudhuudhaaf
Hin hiixatiin yaa tiruu
Ingirdaada facaaftee
Garbuu haamuun hin jiru!
~
#Share


@Biiroo_Barnoota_oromiyaa

@Biiroo_Barnoota_oromiyaa