Get Mystery Box with random crypto!

Dirqamni keenya warra kaanaaf hidhaarraa akka hiikaman kadhach | Kitaabota hafuuraa!!

Dirqamni keenya warra kaanaaf hidhaarraa akka hiikaman kadhachaa, garii isaaniif dhugaa bahaa, gartokkeen isaanii kan jaalatanii karaa badiinsaa filatan tahuu beeknee wajjiin jiraachuu fi firdiif kan ol kaahaman tahuu beeku feesisa.

YESUUS NI CAALA! INNI WAAQA FI GOOFTAA KEENYA ABDII KEENYA ISA DHIHOTTI DEEBI'EE DHUFUUDHAAS!
Mul. 1:⁷ Kunoo, inni duumessaa wajjin dhufuuf jira; iji hundinuu isa ilaaluuf jiru, warri isa waraananis immoo isa arguuf jiru; gosi nama lafa irraa hundinuu isaaf in wawwaatu; eyyee akkasuma in ta'a. ⁸ Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, "Ani Alfaa dha, Omeegaadhas" jedha; [kana jechuun, "Ani isa duraa ti, isa booddee tis" jechuu dha].

YESUUS MASIHICHA WAAQA KEENYA!
Barruu keenya waggoota muraasa dura website keenya "dhugaan namoota hundumaaf" ja'urratti dhihaatee turee fi bifa nama hundumaaf galuun sirreeysuun hiikuun kaniin ani dhiheeyseedha. Kitaaba kiyya kan "Kunoo deebiin kiyya" ja'u irratti dhihaateera.
“Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!” 1Phe. 3:15

Abdusalaam Ruduwaaniin (H/W)
Caamsaa 2023
Finfinnee