Get Mystery Box with random crypto!

ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪

Logo saluran telegram jireenya_jaalalaa — ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪
Logo saluran telegram jireenya_jaalalaa — ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪
Alamat saluran: @jireenya_jaalalaa
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 31.77K
Deskripsi dari saluran

😍🥰Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣😘🤩🥰😍😜❣️❤️‍🔥
😁😅🤣😂Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo😇😋

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru

2024-05-10 01:18:51 Yeroo baay'ee namoonni tokko tokko yoo ati kolfitu yeroo si argan wanta boosssu itti hin fakkaatu wanta gadditu itti hin fakkaatu halkanii guyyaa wanta kolfitu itti fakkaata. Haa ta'u malee keessa kee kan beeku sii fi uuma kee qofa.

Icciitii Jireenya keetii nama kamiifuu ibsuun sin barbaachisu Namoonni jireenya kee kan tilmaaman akka ilaalcha fi dandeettii isaanitti qofa. Kun immoo jireenyaf eenyummaa kee akkasumas gatii kee ibsuu hin danda'u.
Gatii kee kan beeku suma qofa Leenci leencummaa isaa eenyumaafuu hin ibsu.

Gochaan itti agarsiisa kanaafuu ati eenyumaa kee namoonni kallattii gara garaatin jajal'isanii odeessanis tasumaa hin yaadda'in waa'ee eenyumma keeti namaaf hin ibsin gochaan itti agarsiisi!

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
7.2K views22:18
Buka / Bagaimana
2024-05-02 21:37:02 Namoonni baayyeen namaaf amanamuu dadhabuudhaan dhumasaani gaabbiidhaan guutu ; kun immoo jireenya keenya keessatti miidhama guddaa qaba!

Yoomuu namaaf amanamaa/tu ta'i. Yoo miidhamtes dhuma keetu gaarii ta'a! Gaafa namni si gane sun gatii guddaa kaffalu teessee ilaaluun akka ati waan hundumaatti amanamtuuf si gargaara!

Namaaf Amanamuun Waan Hundumaarra Gaariidha!


:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
8.5K views18:37
Buka / Bagaimana
2024-05-02 15:34:22 Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo tokko jaallatee mana isaanii yoo deemu isheen abbaa ishee waliin mana isaanii balbala jirti.

#INTALA : Obboleesso maal barbaada dhufte?
#GURBAA : kitaaba 'shall we meet' jedhu barbaadeen dhufe, ni qabdaa?
#INTALA : dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait me at the door i will come' jedhu qaba.
#GURBAA : garuu isa anillee nin qaba,kitaaba '‛ok, Please come quickly' jedhamuhoo qabdaa?
#INTALA : eeyyee isaafii kitaaba 'Ok Well, I'll come right now my sweet' jedhus nin qaba jetteen.
#ABBAA ; intala tiyya kitaaba kana mara kan dubbistu taanaan baay'ee cimtuudha, barana 1ffaa ba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko irraanfatte malee.
#INTALA : kitaaba kam dagadhee Abbaa koo?
#Abbaa: kitaaba isa "I am not stupid I can understand everything what you are talking about" kan jedhu dagatte malee... jedheen... jedhama...

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
8.4K views12:34
Buka / Bagaimana
2024-04-26 16:21:16 "Gaafan gaddu rooba keessa deemuun jaalladha Sababni isaas,gaafan boo'u namni kamuu imimmaan koo hin argu"
#Charlie_chaplin

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
11.0K views13:21
Buka / Bagaimana
2024-04-25 02:55:46

Mucaan baay'ee jaalata garuu isheen hubachuufii hin dandeenye sababni isaas hin jirree odeessuu fi fakkeessu hin danda'u. Akkasumas  jaalala isheef qabu jechootan caalaa gochaan ibsuufii filata. Sababa sanaaf guyyaa tokko kennaa  qopheesseefii ofitti waame. Isheen garuu isas kennaa isaas waan nuffiteef. Har'ii guyyaa dhumaati, kana caalaa hiyyeessa waliin turuu hin danda'u jechuun achumatti isa gattee deemte, onneen isaa garmalee cabee, kennaa sana qabatee achumatti mugee hafe.
sana booda gargar bahaani hafan jireenyi isaanii itti fufe.
Isheen waggaa muraasa booda hojjataa dhaabbata wayii keessa hojjatu heerumtee jireenya eegalte. Guyyaa tokko dhaabbata abbaan mana ishee keessa hojjatu biiroo isaa  deemtee jaalallee ishee isa durii argite, dureessa akkamii akka heerumte itti himuuf yeroo jettu, abbaan manaa ishee dursee akkas jedheen, '' bareedduu too wal baraa isa jechuun abba dhaabata kanaa, itti gaafatamaa kiya. Kana malee dhaabbata 4 qaba. Nama baay'ee garraamessa ta'eedha jedheen. Kana yoo dhageessu Isheen wanta dubbattu dhabde, afaan ishee wal hidhe.


ilaa obboloota koo akkuma dhaadhaan dhiibbameetan mataarra bahe jette isinis dhiibbamuu keessan hin jibbinaa.
Uuman keessan jireenya keessan keessaa waa tokko yoo baasu isin fayyaduuf malee, tasumallee isin miidhuf miti. Wanta jireenya keessan keessatti uummame maraaf uumaa keessan galateeffachuu amaleeffadha.

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
11.3K views23:55
Buka / Bagaimana
2024-04-18 13:49:53
#Kunis jira edaa!

"Narraatti jaalate hin beeku, hin hinaafuu, sirriitti na kunuunsa" kan jette niitii Ricardo Kakaati kun sababa wal hiikuu isaanii tahu dubbatte. Haadha warraa taphaata kubbaa miillaa lammii Biraaziil Ricardo KAKA duraanii kan taate Kaaroliin Cheeliikoo maaliif akka KAKA dhan wal hiikte gaafatamnaan, sababa inni abbaa manaa sirrii ta'eefidha jette. Ilmi namaa akkamitti guutumaatti sirrii ta'a jedhee Sodaadheen gadi lakkise jette.

" Kakaan gantummaa narraatti raawwate/ na gowwomsee/ hin beeku, dubartii biraa narraatti fudhatee hin beeku, hin hinaafus, sirriitti na kunuunsa, maatii isaaf yeroo ga'aa kenna. Garuu ani kanatti gammadoo miti akkamitti inni dogoggora xiqqoo illee tahu hin hojjenne. Rakkoon isaa innj anaaf sirrii ta'uu isaati" jette.


:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
13.3K viewsedited  10:49
Buka / Bagaimana
2024-04-12 21:35:35 Repost 3

Jaalala + Kabaja + Hubannoo + Dhiifama = Gaa'ela Gaarii

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
14.3K views18:35
Buka / Bagaimana
2024-04-09 19:11:37
ATI HIRIYYAA koo qofa miti
   ➛Ati JAALALLEE kooti . 

ATI JAALALLEE koo qofa miti
   ➛Ati ONNEE kooti .  

ATI ONNEE koo qofa miti
  ➛Ati JIREENYA kooti .  

ATI JIREENYA koo qofa miti
  ➛Ati waan HUNDUMAA kooti .
:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
18.0K viewsedited  16:11
Buka / Bagaimana
2024-04-09 04:27:36 Na Jaalatta Jedhee Yaaduu Kooti Malee Si Jaalachuun Koo Balleessaa Miti.

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
14.4K views01:27
Buka / Bagaimana
2024-04-09 02:29:10 Namni ati jaallattu ; Sin jaallatu taanan!

Namni ati kabajju ; Sin kabaju taanan!

Namni ati yaaddu ; Sin yaadu taanan!

Namni ati barbaaddu ; Sin barbaadu taanan!

Dhiisi nama akkana waliin yeroo kee hin gubiin!

Kan si jaallaatu hedduutu jira!

Isiin Jaalatamtoota

Fafakkeessaan jaalalaa miti!
Jaalalti miidhaa miti.

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa
15.0K views23:29
Buka / Bagaimana