Get Mystery Box with random crypto!

GAADDISA SABAA

Logo saluran telegram gaaddisa_sabaa1 — GAADDISA SABAA G
Logo saluran telegram gaaddisa_sabaa1 — GAADDISA SABAA
Alamat saluran: @gaaddisa_sabaa1
Kategori: Pendidikan
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 33.43K
Deskripsi dari saluran

🫴 SABA DHUGAA DHABEEF MIIDIYAA DHUGAATU MALA! @YaadafiqeeqaGSbot
🫴 ODEEFFANNOO BARNOOTAA SAFFISAAN AKKA ISIN QAQQABUUF JOIN 👇👇👇👇👇👇👇
🫴 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Ratings & Reviews

3.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru

2024-04-21 08:11:43 Namoonni waa sadii
keessaa waa tokkoof si jibbu.

#Tokkoffaan, uumamaan namoonni addunyaan keessoo isaanii dukkanaa'e si jaallachuu hin danda'an. Namoonni bilchinni miiraa isaanii gad aanaa ta'e keessoo dukkana'aa keessa jiraatu.

Addunyaan keessa kee dukkanoofnaan ifa arguu tasuma hin dandeessu. Namoonni akkanaa ifa ati addunyaa irratti ibsaa jirtu arguu waan hin dandeenyeef, dukkana kee xiqqoo irratti xiyyeeffatu. Gaarummaa kee sagaltamii sagal arguuf ga'umsa waan hin qabneef, mudaa kee tokkittii ilaalu. Isheetti quba qabu.

#Lammaffaa, namoonni tokko tokko bakka ofii ga'uuf yaalanii dadhaban gaafa ati geessu akka waan ati galma isaanii isaan saamteetti itti dhaga'ama. Abjuu isaan abjootanii bira qaqqabuu dadhabanitti gaafa milkooftu miirri gaariin itti hin dhaga'amu. Diinota kee ta'uu filatu. Kana irraa kan ka'e humna qaban hundaan ol ka'insa irra jirtu irraa gad si buusuuf asii ol dhagaa sitti darbatu. Hamilee kee cabsanii deemsa kee daangessuuf karaa isaaniif danda'ame hunda deemu. Jireenya kee keessatti namoota akkanaaf deebii deebisuuf jettee ol ka'insa kee irraa gad hin bu'iin. Gad buutee isaanii waliin taphachuu gaafa eegalte mo'amteetta jechuudha.

#Sadaffaa immoo, namoonni tokko tokko uumamumaan hinaaftota waan ta'aniif si jibbu. Si jibbu garuu jibba si jibbaniif sababa hin qaban.

Namoota si jibban keessaa hedduun hamma isaaniif danda'ametti jibba isaanii baasanii hin mul'isan. Gaaf tokkoof ol kaa'atanii gaafa ati dogoggora xiqqoo raawwattu dhagaa isaanii guuranii si rukkutuuf dhufu. Gaafa ati waan gaarii hojjette galatoomi jedhanii kan hin beekne gaafa mudaa kee argan garuu saffisa ifaan maqaa kee balleessu. Namoonni akkanaa balaafamoodha. Kan garaa garaa kaa'atanii ilkaaniin si sobu; keessi isaanii ibidda hinaaffaan gubachaa fuula ifaan si gowwoomsu. "Obboleessa koo" siin jechaa harka diinummaa si irratti ol fudhatu.

Waaqayyo namoota akkasii isiin
irraa yaa eegu Ameen jedha

#Repost

@GAADDISA_SABAA1
7.8K viewsedited  05:11
Buka / Bagaimana
2024-04-18 13:45:35 "Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!" Albert Inistaayin

* Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa osoo deemuu gurbaan duuriyyeen/kash-labbeen tokko duuba isaan dhufee dhiite. Alberti ofuma irra mil'atee, ilaalee, dhiisee deemsa isaa itti fufe. Ammas xinnoo turee gurbaan duubuma deeme dhiite, yeroo lammaffaaf. Albert ammas ilaaletuma deemsa isaa itti fufe. Gurbaan duubuma deemee yeroo 3ffaaf yoo dhiitu, namoonni naannoo sana jiran arganii Albertin akkana jedhan "Abboo ati gurbaa si dhiitu seeraan hin himattu? Yookiin immoo of irraa hin rukuttuu?" jedhaniin.
⁃ Albert maal jedhe beektaa?
"Ofirraa dhoorkuf ani yeroo hin qabu; Seeratti himachuuf
manni murtii harree itti himatan hin jiru, namni nama hin dhiitu harreedha kan nama dhiitu" jedheetuma deemsa isaa itti fufe!

Namni kaayyoo qabu waan karaa irratti isa qunnamu hundumaaf deebii kennaa hin deemu. Namoota ilaalcha harrummaa fi ilaalcha negetive siif qaban irraa fagaadhu! Kaayyoo galma gahuuf baate hamma geessutti duuba kee hin ilaalin!
#Dhaamsa
✓ Lafa yaadde gahuuf manaa baatee yeroo qormaanni si mudatu, qormaata sanaaf deebii laachaa ooltaa? Lakki dhiistee darbuu qabda.
✓Bakka kaayyoo kee gahuuf rakkinni akka jiru bartee, tuffattee bira darbitee deemuu qabda.
✓Waan hundumaaf deebii laachaa hin ooliin, kan si hinfayyadnedha baay'een. Yeroo kees hin gubiin.

Kaayyoo keef Karoora Kee milkeessuuf Waca namootaa hindhaga'iin! Darbii deemi.Gaafa ati Milkoofte kan si hordofan hedduudha.

#Repost

@GAADDISA_SABAA1
6.1K viewsedited  10:45
Buka / Bagaimana
2024-04-11 15:30:36 "Abdii hin kutatiin" Jack Maa"

Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku!
Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ Ani maatii homaa hin qabne, hiyyeessa; harka qalleessa irraan dhaladhe.
Carraan gaarii na mudatee hin beeku
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 1ffaa (primary School) si’a 2n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 2ffaa (High School) si’a 3n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa qophaa’inaa (Preparatory School) si’a 2n kufe.
 Harvard Yuunivarsiitii seenuu barbaade qormaata seensaa si’a 10n kufe.
Hojiifis ulaagaa guutee hin beeku
 Hojii humnaas ta’e dhaabbata hojjechuuf wanta ani hin yaaliin hin jiru.
 Induustirii garagaraa 30 ol ta’an keessatti qacaramuuf dorgomeera, hundi isaanii iyyuu ulaagaa hin guuttu jedhanii na deebisu. Keessa ba’anii kan na arrabsan, natti dheekkamaniifi na tuffatanis jiru.
 Kaan dhiisaati Pooliisii biyyaa ta’u barbaade dorgomeera, garuu naaf hin taanee. Yeroo tokko nama shaniif baasanii jennaan shan taanee dorgomne, nama afur fudhatanii anan ulaagaa hin guuttu jedhanii na hambisan.
Walumaagala anaan namni dhuunfaas ta’ee gareen, dhaabbanni mootummaas ta’e miti mootummaa kan ani keessatti fudhatame hin jiru. "Dorgommiin tokko nama 24 barbaada yoo ta’e; 23 fudhatanii anaan kuffisu.
• Dorgommiin tokko nama 10 barbaada yoo ta’e; 9 fudhatanii anaan kuffisu
Kana irraa kan ka’e:
o Ani nama carra dhabeessa
o Nama abdii hin qabne
o Nama ulaagaa hin guunne
o Nama tuffatamaaf gatamaa
o Nama milkaa’inaaf hin uumamnedha jedheen of yaada ture. "Garuu akkas miti: "Har’a yeroon taa’ee yaaduu kufaatiin koo yeroo sanaa milkaa’ina koo har’af sababa ta’eera!. "Ulaagaa guutuu dhabuun koo, tuffatamuuf salphachuun koo gaafasii har’a kabajaan na ga’eera!."Milkaa’inni harki caalu kufaatii keessa darba! Ani har’a: Sooressa beekamaa (1ffaa) Biyya Chaayinaati.
"Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedhee carraan dhabe, har’a geggeessaa Kaampaanii Alibaba.com ti. Jack Ma.

Seenaa kan irraa maal baranna..
Yaada keessan nu barreessaa

@GAADDISA_SABAA1
9.4K viewsedited  12:30
Buka / Bagaimana
2024-04-11 15:30:36
Jack Ma the richest man in China said, "If you put the Banana and Money infront of a monkey. The monkey will choose Banana because the monkey don't know that money can buy alot of Bananas.

In fact, if you offer WORK and BUSINESS to people, they will choose to WORK because most people don't know that a BUSINESS can make more money than salary.

One of the reason the poor are poor is because the poor are not trained to recognise the entrepreneurial opportunity.

They spend alot of time in school and what they learn in school is work for a salary instead of working for themselves.

Profit is better than wages because wages can support you, but profits can make you a fortune.

Let's remember these tips..

@GAADDISA_SABAA1
6.3K viewsedited  12:30
Buka / Bagaimana
2024-04-10 22:46:22
Oduu: Mootummaan Naannoo #Oromiyaa 'ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti raawwatameef mootummaatti quba-qabuun fudhatama hin qabu' jedhe

Ajjeechaa miseensa #ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate ilaalchisee "ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru fudhatama kan hin qabne" ta'uu mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa baaseen beeksiseera.

Mootummaan naannichaa ibsa Roobii galgala baaseen, ajjeechaa "qaama hanga ammaatti adda hin baaneen" miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate kan balaaleeffatu ta'uu ibsuun, "gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabnedha" jedhe.

"Miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwateetti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa," jedha ibsichi.

@GAADDISA_SABAA1
5.3K viewsedited  19:46
Buka / Bagaimana