Get Mystery Box with random crypto!

Dr Zakir Naik Afaan Oromoo

Logo saluran telegram drzakirnaikafaanoromoo — Dr Zakir Naik Afaan Oromoo D
Logo saluran telegram drzakirnaikafaanoromoo — Dr Zakir Naik Afaan Oromoo
Alamat saluran: @drzakirnaikafaanoromoo
Kategori: Agama
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 12.67K
Deskripsi dari saluran

Barnoota Dr Zaakir Naik Afaan Oromootiin akkasumatti Sheekkotii amantii wal bira qabanii barsiisan salpatti argachuuf
Ikhwaanii join godhaa.
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Namoonni yaada qabdan garee Teenya Join godhaa. Yaada keessan nuuf..
@Ne4Je2

Ratings & Reviews

1.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


Pesan-pesan terbaru

2023-06-10 19:10:26 Namoota hedduu irraa gorsa "Nama jabaateetu injifata, Jabbaattu ni moota, Facaafattu ni muratta fkkf" jedhu dhagayuu malta.

Garuu namoonni "Kuftu malee, hin kaatu, laalattu malee hin fayyitu, Abdii fixachuu bira geessu malee hin onnattu, Sodaachutti dhihaattu malee hin jeynoomtu, Miidhamtu malee hin mootu, Walumaa galattuu Rakkoo fi tattaaffii jabduu boodaan malee hin milkooytu" jedhanii namoonni si gorsan muraasa.

#Strive #Success
1.0K views16:10
Buka / Bagaimana
2023-06-06 17:55:22 Aqiidaa...!

Bu'urri amna nama muslimaa, bobboo galli nama mu'uminaa, jiruu fi jireenya nama Rabbitti amanee aqiidaarratti hundaawa.

Aqiidaarraa ammoo qoonni guddaan Iimaana nama tokkoo sabachiisu Qooda Toowhiidaati.

Zabana keenya kana Aqiidaan waan laaftuu taatee jirti. Namni Aqiidaaf xiyyeeffannoo kennaa hin jiru.

Firqaan Naajiyaa malee hundi warra ibiddaa akka tahan Nabiin (saw) nuuf himanii jiran.

Aqiidaa teenya haa qorannuu, Eenyu jala deemaa akka jirru haa if sakattaanuu. Aqiidaan keenya karaa jannata keenyaati.

#Aqiidaa! #Toowhiida
2.0K views14:55
Buka / Bagaimana
2023-05-31 15:39:14 Yeroo garii ni yaaddoyta, yeroo garii ni dallanta, yeroo garii ni sodaatta, yeroo garii Abdii dhabda.

Eeyyen bar kanumaatu jireenya ilma namaatii. Kee qofa sitti hin fakkaatin. Aannan dhagala'eef teessee booyaa oolurra kaatee aannan biraa barbaaddachuu irra hin wayyuu?

Ka'i #StandUp
2.8K views12:39
Buka / Bagaimana
2023-05-27 17:34:32 Masjiida kheenya #Imimmaaniin osoo hin taane #Lubbuu teenyaan tiksina eega Rabbiitii

መስጅዳችን በ #እንባ ሳይሆን #በሩሃችን ነዉ የምንጠቡቀዉ
#masjidachin
3.4K views14:34
Buka / Bagaimana
2023-05-26 19:49:14 Shahiidummaa na hawwisiise
ሸሂድነት ነዉ የናፈቀኝ !
#Masjidachin
3.1K views16:49
Buka / Bagaimana
2023-05-25 07:54:07 بسم الله الرحمن الرحيم

Ibsa Manni Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Dhimma Diiggaa Masjidaa ilaalchisee baase

15/09/2015

Hunda dura Rabbii guddaaf galanni haa ga’u. Sirna hamaa bara dheeraa nurraa kaasee sirna ummataaf dhaabbatu kan sabaafi sablammii biyyattii tokkoomsu, akkasumas amantoowwan adda addaa mirga kabachiisu nuuf fide. Mootummaa keenya kan kabajamoo Doktor Abiyyi Ahmad Aliitiin hogganamu gaaffilee Muslimootaa kan akka Majlisa labsiin dhaabuu, sirna baankii dhala irraa bilisaa ummata Muslimaatiif eeyyamuu, bakkeewwan masjidaa akka biyyaatti mul’ataa ta’an kennuufi kkf irratti ni galateeffanna.
Akkuma beekamu biyyi keenya yeroo ammaa nageenyaan tasgabbii argattee misoomaa fi hawaasummaa Magaalaaf baadiyyaa walitti hidhu irratti fuulleeffattee jirti. Isaan keessaa inni Guddaan hundeeffama Magalaa Shaggari. Magaalaan Shaggar Magaalaa Guddoo Baha Afrikaa taatee argamuun nuuf gammachuu guddaadha. Haata'u malee yeroo ammaa magaalaa Shaggar keessatti Masjidni baay'een Diigamuun, ummanni Muslimaa walshakkuun, tokkommaan jidduu fuudhamuun, Namni mootummaa komachuun, kana bira kutee ummanni amantaan wal shakkuun jalqabee jira.
Nuti akka Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaatti itti gaafatama guddaa Muslimoota Naannoo Oromiyaa waan qabnuuf yeroo baay'ee Rakkoo kana dhaabsisuuf yaalii godhaa turre. Qaama mootummaa naannoo Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiru qaamaafi xalayaadhaan dubbisaa turre. Haa ta’u malee gaaffii ummata Muslimaa kanaaf deebii kennuuf hayyamamaa hin taane. Inumaa yeroo garii hoggantoota olaanoo argachuun hanga ulfaatu dhaqqabe; dhaabbata bakka bu’aa ummata Muslimaa kanaafis gurra kennuu dhabuun tuffii ummata Muslimaatiif qaban nutti mul’isa.
Akkuma beekamu biyya keenya keessatti masjinni kadhaafi maallaqa ummata Muslimaatiin argamaa ture malee karaa maastar pilaaniitiin kan kenname baay’ee muraasa. Maaster pilaanii magaalota biyyattii keessattis kan inni hammatamee bocame hin jiru jechuutu danda’ama. Garuu ummanni Muslimaa masjida malee guyyaa tokko buluu hin danda’u; guyyaatti salaataaf yeroo shan itti deddeebi’a. Kanaafuu maallaqa isaa baasee bitee masjida godhatee itti salaata. Mootummaan kan silaa ofiif dursee lafa Masjidaa qindeessuufii qabu ogga inni maallaqa isaa baasee bitee itti salaatu seeraan ala jechuun diiguun gonkuma fudhatama hin qabu. Gochi mana amantii diiguu kun ummata Muslimaa guutuu baay’ee dallansiisee jira; ummataafi mootummaas walitti buusuuf deema; maqaa gaarii biyya keenyaas ni balleessa; mootummaa biyyattiis akka addunyaatti suuraa isii xureessaa jira.
Nuti ummanni Muslimaa misoomaaf gufuu akka hin taane beekamaadha. Yeroo misoomni biyyattii kamuu hojjatamu hanga dandeettii keenyaatiin itti hirmaachuuf qophiidha. Haa ta’u malee ijaarsa Magaalaa Shaggar yeroo ammaa raawwatamaa jiru keessatti mootummaan MMDh Islaamummaas ta’ee ummata Muslimaa osoo hin mariisisin Masjida diiguutti seene. Gochi kun gonkuma ta’uu hin qabu; tuffii amantiis mul’isa, akkasumas burjaajjii nageenyaa waan fiduuf rakkoon jiru mariin furamuu qaba. Ammas mootummaan hatattamaan diiggaa Masjidaa hatattamaan dhaabsisee rakkoo jiru mariin furuutti akka deebi’u cimsinee gaafanna. Masjiidolee diigamanis ariitiidhaan bakka bu’aa seera qabeessa ta’e akka kennan maqaa ummata Muslimaatiin cimsinee gaafanna. Masjinni maastar pilaanii waliin akka wal galu gochuunis ga’ee warra pilaanii qopheessuuti; yoo dirqama bakkichi barbaadame marii bakka bu’oota Muslimaa waliin taasifamee bakka bu’aan masjidaaf kennamee inni sun kaafamuu qaba.
Ergaan nuti ummata Muslimaatiif dabarsinu:
Khuxbaan Jumu’aa dhufuu guutuu Oromiyaa keessatti kabajaa Masjidaafi Qur’aana Rabbii akkasumas sadarkaa isaan Islaama keessatti qaban ta’uu qaba. Akkasumas Du’aa’ii akka gootan gamanumaan ergaa isiniif dabarsina.
Ummanni Muslimaa guutuun tokkommaa keessan eeggadhaa; Masjida keessanis tokkummaadhaan tikfachuutu isinirraa eegama. Gosaanis ta’ee ilaalchaan wal qooduun Islaama keessatti gonkuma hin eeyyamamu waan ta’eef garaa garummaa tokkollee akka hin uumne isiniin jenna.
4.0K views04:54
Buka / Bagaimana
2023-05-23 09:30:04
Allah'a şükür

Waan dansaa dhagayaa jirra
2.9K views06:30
Buka / Bagaimana
2023-05-23 09:17:44 رَبَّنَا وَلَا تُحَمِّلْنَا مَا لَا طَاقَةَ لَنَا بِهِۦۖ وَٱعْفُ عَنَّا

Yaa Gooytaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin ba'achisin, Irras nuuf dabri;
2.7K views06:17
Buka / Bagaimana
2023-05-14 18:18:13
Galgalarraa gama walakkaatti wanni adda baatu adda baati
1.4K views15:18
Buka / Bagaimana
2023-04-27 20:11:39 Yaa gabricha Rabbii....!

Rabbii keetirraa qaanfadhu, Ramadaana haala gaariin Rabbi gabbaraa turtee amma yeroo daangaa Rabbii cabsitu Rabbii keetirraa hin qaanfattuu?

Rabbiin waan nuti mul'isnee fi Waan nuti dhoysine hunda ni beeka. Rabbii keenyarraa haa qaanfannuu
1.3K views17:11
Buka / Bagaimana